4
Israaʼel Gara Waaqaatti Hin deebine 
 1 Isin yaa saawwan Baashaan kanneen Tulluu Samaariyaa irra jirtan, 
yaa dubartoota, isin warri hiyyeeyyii fi rakkattoota cunqursitanii 
dhirsoota keessaniin, “Dhugaatii nuuf fidaa!” jettan 
dubbii kana dhagaʼaa.
dubbii kana dhagaʼaa.
 2  Waaqayyo Gooftaan akkana jedhee 
qulqullummaa isaatiin kakateera:
qulqullummaa isaatiin kakateera:
“Yeroon isin itti hokkoodhaan, 
isin keessaa namni dhumaa immoo qabduu qurxummiitiin 
qabamu tokko dhugumaan ni dhufa. 
 3 Isin tokko tokkoon qajeeltanii 
qaawwa dallaatiin ni baatu; 
gara Harmoonittis ni darbatamtu” 
jedha Waaqayyo. 
 4 “Beetʼeel dhaqaatii cubbuu hojjedhaa; 
Gilgaal dhaqaatii cubbuu baayʼee hojjedhaa. 
Ganama ganama aarsaa keessan dhiʼeessaa; 
waggaa sadii sadiitti immoo kennaa keessan harka kudhan keessaa 
harka tokko fidaa.
harka tokko fidaa.
 5 Buddeena raacitii qabu aarsaa galataa godhaatii gubaa; 
aarsaa fedhiidhaan kennitan labsaa; beeksisaas; 
yaa Israaʼeloota, wanni isin hojjechuu jaallattan kanaatii, 
ittiin boonaa” 
jedha Waaqayyo Gooftaan. 
 6 “Ani magaalaa hunda keessatti garaa duwwaa isiniif kenneera; 
magaalaa hunda keessattis buddeena isin dhabsiiseera; 
isin garuu gara kootti hin deebine” 
jedha Waaqayyo. 
 7 “Ani yeroo midhaan haamamuuf jiʼi sadii hafutti 
bokkaa isin irraa nan kute. 
Ani magaalaa tokkotti bokkaa ergee 
kaan irraa immoo nan dhaabe. 
Lafti qonnaa tokko bokkaa argatee 
kaan garuu homaa dhabee goge. 
 8 Uummanni bishaan barbaacha magaalaadhaa gara magaalaatti joore; 
garuu waan dhugaatiif isa gaʼu hin arganne; 
taʼus isin gara kootti hin deebine” 
jedha Waaqayyo. 
 9 “Ani yeroo hedduu iddoo biqiltuutii fi 
wayinii keessan waagii fi awwaaroodhaan dhaʼeen balleesse. 
Hawwaannisni harbuu fi ejersa keessan barbadeesse; 
taʼus isin gara kootti hin deebine” 
jedha Waaqayyo. 
 10 “Ani akkuman biyya Gibxi godhe sana 
dhaʼicha isinitti nan erge. 
Ani fardeen isin boojitan wajjin 
dargaggoota keessan goraadeedhaan nan fixe. 
Ajaa qubata keessaniitiin funyaan keessan nan guute; 
isin garuu gara kootti hin deebine” 
jedha Waaqayyo. 
 11 “Ani akkuman Sodoomii fi Gomoraa garagalche sana 
isin keessaa nama tokko tokko garagalcheera. 
Isin akkuma muka bobaʼu kan ibidda keessaa butamee ti; 
taʼus isin gara kootti hin deebine” 
jedha Waaqayyo. 
 12 “Kanaafuu yaa Israaʼel, ani akkanan isin godha; 
sababii ani akkana isin godhuuf 
yaa Israaʼel Waaqa kee arguuf qophaaʼi.” 
 13 Inni tulluuwwan tolchee 
bubbee uumee yaada isaa namatti mulʼisu sun, 
inni barii dukkaneessee 
iddoowwan lafa ol kaʼoo irra ejjetu sun, 
maqaan isaa Waaqayyo, 
Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu dha.
Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu dha.