5
Faarfannaa Iddoo Dhaaba Wayinii 
 1 Ani naman jaalladhu sanaaf, 
faarfannaa waaʼee iddoo dhaabaa wayinii isaa nan faarfadha: 
Michuun koo gaara gabbataa irraa 
iddoo dhaabaa wayinii qaba. 
 2 Innis lafa sana qotee isa irraa dhagaa balleessee 
wayinii filatamaa isa irra dhaabe. 
Qooxii eegumsaa isa keessatti ijaaree 
boolla wayinii itti cuunfan illee qote. 
Ergasii akka lafti qotiisaa sun ija gaarii kennu eeggate; 
inni garuu ija hamaa qofa kenne. 
 3 “Yaa jiraattota Yerusaalemii fi saba Yihuudaa, 
mee dubbii anaa fi iddoo dhaabaa wayinii koo 
gidduu jiruuf murtii kennaa.
gidduu jiruuf murtii kennaa.
 4 Waan ani godheef kana caalaa 
wanni iddoo dhaabaa wayinii kootiif godhamuu malu maali? 
Yeroo ani ija wayinii gaarii barbaadetti 
inni maaliif ija hadhaaʼaa qofa naqate? 
 5 Ani amma waanan iddoo dhaabaa wayinii koo gochuuf jiru 
isinitti nan hima; 
ani dallaa isaa nan diiga; 
innis ni bada; 
dallaa isaa dhagaa nan jigsa; 
innis gad dhidhiitama. 
 6 Ani isa nan onsa; 
mukni wayinii isaas hin qoramu yookaan lafti isaa hin qotamu. 
Sokorruu fi qoraattiin achi keessatti guddata. 
Ani akka bokkaan itti hin roobneef duumessa nan ajaja.” 
 7 Iddoon dhaabaa wayinii 
Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu mana Israaʼel; 
namoonni Yihuudaa immoo 
iddoo biqiltuu inni itti gammaduu dha. 
Inni murtii qajeelaa barbaade; 
garuu dhiiga dhangalaafamu arge; 
qajeelummaa barbaade; 
garuu iyya warra miidhamee dhagaʼe. 
Wayyoo fi Murtii 
 8 Isin warra hamma iddoon 
tokko iyyuu hin hafnetti mana irratti mana, 
lafa qotiisaa irratti lafa qotiisaa dabalattanii 
kophuma keessan biyya keessa jiraattaniif wayyoo! 
 9  Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu utumaa ani dhagaʼuu akkana jedhee dubbate: 
“Dhugumaan manneen hedduun ni onu; 
manneen gurguddaanii fi babbareedoon nama keessa jiraatu dhabu. 
 10 Iddoo dhaabaa wayinii cimdii kudhan irraa daadhii wayinii 
baadoosii tokko qofatu galfama;
baadoosii tokko qofatu galfama;
sanyii qoroosii tokkoo irraa midhaan iifii tokkoo qofatu galfama.” 
 11 Warra dhugaatii barbaachaaf ganamaan kaʼan, 
kanneen hamma daadhii wayiniitiin machaaʼanitti 
halkan dheereffataniif wayyoo. 
 12 Isaan cidha isaanii irratti baganaa, kiraaraa fi dibbee, 
ulullee fi daadhii wayinii qabu; 
garuu hojii Waaqayyootiif dhimma hin qaban; 
hojii harka isaatiifis ulfina hin kennan. 
 13 Kanaafuu sabni koo 
sababii hubannaa dhabeef boojiʼama; 
namoonni isaanii bebbeekamoon beelaan, 
uummanni isaaniis dheebuudhaan dhumu. 
 14 Kanaafuu Siiʼool garaa isaa balʼifatee 
afaan ofii isaa illee hamma malee banata; 
namoonni isaanii bebbeekamoonii fi uummanni isaanii 
warri wacanii fi warri gammadan hundis achi keessa buʼu. 
 15 Kanaafuu namni gad qabama; 
ilmaan namaa gad deebifamu; 
iji of tuultotaas lafa ilaala. 
 16  Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu garuu 
murtii qajeelaa ofii isaatiin ol ol jedha; 
Waaqni qulqulluun qajeelummaa ofii isaatiin 
akka qulqulluu taʼe of argisiisa. 
 17 Yeroo sanatti hoolonni akkuma waan 
lafa dheeda isaanii keessa jiraniitti ni dheedu;
lafa dheeda isaanii keessa jiraniitti ni dheedu;
xobbaallaawwan hoolaas iddoo sooreyyiin itti barbadaaʼan keessa dheedu. 
 18 Warra funyoo gowwoomsaatiin cubbuu, 
funyoo gaariitiinis hammina harkisan, 
 19 kanneen, “Waaqni haa ariifatu; 
akka nu arginuuf inni hojii ofii isaa haa saffisiisu, 
wanni kun haa dhiʼaatu; 
akka nu beeknuufis 
karoorri Qulqullicha Israaʼel haa dhufu” 
jedhaniif wayyoo.
jedhaniif wayyoo.
 20 Warra hamaadhaan gaarii, 
gaariidhaan immoo hamaa jedhaniif, 
kanneen ifaan dukkana, 
dukkanaan immoo ifa jedhaniif, 
warra miʼaawaadhaan hadhaaʼaa, 
hadhaaʼaadhaan immoo miʼaawaa jedhaniif wayyoo. 
 21 Warra akka yaada isaaniitti ogeeyyii, 
akka ilaalcha isaaniitti immoo abshaala of seʼaniif wayyoo. 
 22 Warra daadhii wayinii dhuguutti jabaa, 
dhugaatii walitti makuuttis goota taʼaniif, 
 23 warra mattaʼaa fudhatanii yakkamaa gad lakkisaniif, 
murtii nama balleessaa hin qabnee immoo jalʼisaniif wayyoo. 
 24 Kanaafuu akkuma arrabni ibiddaa cidii lafa irraa arraabu, 
akkuma okaan ibiddaan gubatee badu sana hiddi isaanii ni tortora; 
daraaraan isaaniis akkuma awwaaraa bittinnaaʼee bada; 
isaan seera Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu didanii 
dubbii Qulqullicha Israaʼel tuffataniiruutii. 
 25 Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo saba isaatti ni bobaʼa; 
harki isaa ol kaʼee isaan rukuta. 
Tulluuwwan ni raafamu; 
reeffi isaaniis akkuma kosii daandii irratti gatamee taʼa. 
Kana hundaan illee dheekkamsi isaa hin qabbanoofne; 
harki isaas akkuma ol kaafametti jira. 
 26 Inni saboota fagoo jiraniif faajjii ol qaba; 
warra moggaa lafaa jiranitti ni siiqsa. 
Isaanis kunoo ariifatanii dafanii dhufu. 
 27 Isaan keessaa namni tokko iyyuu hin dadhabu yookaan hin gufatu; 
namni tokko iyyuu hin mugu yookaan hin rafu; 
sabbanni mudhii isaanii hin laafu; 
hidhaan kophee isaaniis hin citu. 
 28 Xiyyi isaanii qaramaa dha; 
iddaan isaanii hundi qopheeffameera; 
kotteen fardeen isaanii akkuma dhagaa qara qabuu ti; 
gommaan gaarii isaaniis akkuma bubbee hamaa ti. 
 29 Aaduun isaanii akkuma aaduu leencaa ti; 
isaan akkuma saafela leencaa aadu; 
yeroo waan adamsatan qabatanitti ni gururiʼu; 
isaan waan qabatan fudhatanii deemu; 
namni isaan harkaa buusuu dandaʼus hin jiru. 
 30 Gaafas isaan akkuma huursaa galaanaa 
waan sana irraa huursu. 
Namni tokko yoo biyya sana ilaale, 
inni dukkanaa fi rakkina arga; 
aduunis duumessaan dukkaneeffama.