23
Iyyoob 
 1 Iyyoob akkana jedhee deebise: 
 2 “Harʼa iyyuu guungummiin koo hadhaaʼaa dha; 
yoo ani akkam aade iyyuu harki isaa natti ulfaateera. 
 3 Ani utuun iddoo itti isa argadhu beekee, 
utuu iddoo inni jiraatu illee dhaquu dandaʼee! 
 4 Silaa dhimma koo fuula isaa duratti dhiʼeeffadhee 
afaan koo falmiin guuttadha ture. 
 5 Waan inni naa deebisu nan beekan ture; 
waan inni naan jedhus nan hubadhan ture. 
 6 Inni humna isaa guddaa sanaan anaan mormaa? 
Lakki, na dhaggeeffata malee. 
 7 Namni qajeelaan achuma fuula isaa duratti dhimma isaa ni dhiʼeeffata; 
anis isa natti muru jalaa bara baraan nan baʼa. 
 8 “Garuu yoo ani gara baʼa biiftuu deeme, inni achi hin jiru; 
ani yoo gara dhiʼaa dhaqes achitti isa hin argadhu. 
 9 Yommuu inni kaabatti hojii irra jirutti ani isa hin argu; 
yommuu inni gara kibbaatti deebiʼuttis 
ani hamma libsuu ijaa isa arguu hin dandaʼu. 
 10 Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka; 
yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha. 
 11 Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera; 
ani utuun irraa hin gorin karaa isaa eegeera. 
 12 Ani ajaja afaan isaa irraa hin fagaanne; 
nyaata guyyaa guyyaa caalaas dubbii afaan isaa nan jaalladha. 
 13 “Inni garuu of dandaʼee kophaa isaa dhaabata; 
kan isaan mormuu dandaʼu eenyu? 
Inni waanuma jaallatu hojjeta. 
 14 Inni waan natti mure ni raawwata; 
amma illee karoora akkanaa hedduu yaada isaa keessaa qaba. 
 15 Wanni ani fuula isaa duratti naʼuufis kanuma; 
ani yommuun waan kana hunda yaadutti isa nan sodaadha. 
 16 Waaqni garaa koo ni raase; 
Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na sodaachise. 
 17 Haa taʼu malee dukkanni, 
dukkanni limixiin fuula koo haguugu iyyuu na hin barbadeessine.