Raajii 
Yooʼeel  
 1
 1 Dubbii Waaqayyoo kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe. 
Weerara Hawwaannisaa 
 2 Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa; 
warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa. 
Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessa 
yookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa? 
 3 Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa; 
ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan; 
ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan. 
 4 Waan tuunni hawwaannisaa dhiise, 
hawwaannisni guddaan fixe; 
waan hawwaannisni guddaan dhiise, 
hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe; 
waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoo 
hawwaannisni biraa dhufee nyaate. 
 5 Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa! 
Isin warri daadhii wayinii dhugdan 
hundinuu wawwaadhaa;
hundinuu wawwaadhaa;
sababii daadhii wayinii haaraatiif 
wawwaadhaa;
wawwaadhaa;
inni afaan keessan irraa butameeraatii. 
 6 Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokko 
biyya koo weerareera; 
inni ilkaan leencaa, 
qarriffaa leenca dhalaa qaba. 
 7 Inni muka wayinii koo onsee 
harbuu koos barbadeesseera. 
Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gatee 
dameelee isaanii duwwaa hambise. 
 8 Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffattee 
dhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa. 
 9 Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun 
mana Waaqayyoo irraa citaniiru. 
Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan 
booʼaa jiru. 
 10 Lafti qotiisaa oneera; 
laftis gogeera; 
midhaan barbadaaʼeera; 
daadhiin wayinii haaraan dhumeera; 
zayitiinis dhabameera. 
 11 Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa; 
warri wayinii dhaabbattan booʼaa; 
sababii midhaan lafa qotiisaa keessanii 
barbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa. 
 12 Wayiniin gogeera; 
harbuunis coollageera; 
roomaaniin, meexxii fi hudhaan, 
mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru. 
Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa 
irraa badeera. 
Waamicha Qalbii Jijjiirrachuu 
 13 Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; 
isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa. 
Isin warri fuula Waaqa koo dura tajaajiltan 
kottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa; 
kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun 
mana Waaqaa irraa hambifamaniiruutii. 
 14 Sooma qulqulluu labsaa; 
waldaa qulqulluu waamaa. 
Maanguddootaa fi 
warra biyyattii keessa jiraatan hunda 
gara mana Waaqayyoo Waaqa keessaniitti waamaatii 
Waaqayyootti booʼaa. 
 15 Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera. 
Guyyaan Waaqayyoo gaʼeeraatii; 
inni akkuma badiisaatti 
Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.
Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.
 16 Ijuma keenya duratti 
nyaanni cite; 
ilillee fi gammachuunis 
mana Waaqa keenyaa irraa hin cinnee? 
 17 Sanyiin lafa keessatti 
tortoree hafe. 
Mankuusni diigameera; 
gombisaan caccabeera; 
midhaan gogee hafeeraatii. 
 18 Loon akkam marʼatu! 
Karri loonii sababii waan dheedu dhabeef 
asii fi achi joora; 
bushaayeenis dhiphataniiru. 
 19 Yaa Waaqayyo ani sin waammadha; 
ibiddi lafa dheedaa barbadeessee 
arrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii. 
 20 Bineensonni bosonaa sitti gaggabu; 
lagni bishaanii gogeera; 
ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.