3
Hooggantoonnii fi Raajonni Balaaleffataman 
 1 Ergasii ani akkanan jedhe; 
“Isin hooggantoonni Yaaqoob, 
bulchitoonni mana Israaʼel mee dhaggeeffadhaa. 
Isin murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii? 
 2 Isin warri waan gaarii jibbitanii waan hamaa jaallattan, 
warri saba koo irraa gogaa, 
lafee isaanii irraa immoo foon baaftan, 
 3 warri foon saba koo nyaattan, 
kanneen gogaa isaanii irraa qunciftanii 
lafee isaanii caccabsitan,
lafee isaanii caccabsitan,
isin warri akka foon eeleetti waadamuutii fi 
okkoteetti affeelamuu isaan ciccirtan 
murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?” 
 4 Ergasii isaan Waaqayyotti iyyatu; 
inni garuu deebii hin kennuuf. 
Yeroo sanatti inni sababii cubbuu 
isaan hojjetaniitiif fuula isaa isaan duraa ni dhokfata. 
 5  Waaqayyo akkana jedha: 
“Waaʼee raajota 
saba koo karaa irraa jalʼisanii, 
yoo namni tokko nyaata kenneef 
isaan ‘Nagaa’ labsu; 
yoo inni akkas gochuu baate immoo 
lola isatti kaasuuf qophaaʼu. 
 6 Kanaafuu utuu isin mulʼata hin argin halkan, 
utuu isin hooda hin dubbatin immoo dukkanni isinitti dhufa. 
Aduun raajotatti dhiiti; 
guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa. 
 7 Ilaaltonni ni qaanaʼu; 
warri hooda dubbatanis ni salphifamu. 
Sababii deebiin tokko iyyuu Waaqa biraa hin dhufneef 
isaan hundi fuula haguuggatu.” 
 8 Ani garuu Yaaqoobitti balleessaa isaa, 
Israaʼelittis cubbuu isaa himuuf 
humnaan guutameera; 
Hafuura Waaqayyootiin 
murtii qajeelaa fi jabinaan guutameera. 
 9 Isin hooggantoonni mana Yaaqoob 
bulchitoonni mana Israaʼel 
warri murtii qajeelaa tuffattanii 
waan sirrii taʼe hunda jalʼiftan waan kana dhagaʼaa; 
 10 warri dhiiga dhangalaasuudhaan Xiyoonin, 
hamminaan immoo Yerusaalemin ijaartan waan kana dhagaʼaa. 
 11 Hooggantoonni ishee mattaʼaa fudhatanii murtii kennu; 
luboonni ishee gatiidhaan barsiisu; 
raajonni ishees maallaqa fudhatanii hooda dubbatu. 
Taʼus isaan Waaqayyotti irkatanii, 
“Waaqayyo gidduu keenya jira mitii? 
Balaan tokko iyyuu nutti hin dhufu” jedhu. 
 12 Kanaafuu sababii keessaniif, 
Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti; 
Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati; 
gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.