13
 1 Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa; 
qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu. 
 2 Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin gammada; 
namni hin amanamne garuu jeequmsaaf ariifata. 
 3 Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata; 
kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata. 
 4 Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu; 
fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa. 
 5 Namni qajeelaan soba jibba; 
namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida. 
 6 Qajeelummaatu nama tolaa tiksa; 
hamminni garuu cubbamaa galaafata. 
 7 Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu; 
tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba. 
 8 Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa; 
hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu. 
 9 Ifni nama qajeelaa akka gaarii ifa; 
ibsaan nama hamaa garuu ni dhaama. 
 10 Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu 
warra gorsa dhagaʼan biratti argamti. 
 11 Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada; 
namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata. 
 12 Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa; 
hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti. 
 13 Namni gorsa tuffatu badiisa ofitti fida; 
kan ajaja ulfeessu immoo badhaasa argata. 
 14 Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti; 
kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa. 
 15 Hubannaan gaariin surraa argamsiisa; 
karaan warra hin amanamnee garuu 
badiisatti isaan geessa.
badiisatti isaan geessa.
 16 Namni qalbii qabu kam iyyuu beekumsaan hojjeta; 
gowwaan immoo gowwummaa isaa mulʼisa. 
 17 Ergamaan hamaan rakkoo keessa seena; 
ergamaan amanamaan garuu fayyina fida. 
 18 Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas; 
kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata. 
 19 Hawwiin guutame namatti miʼaawa; 
gowwoonni garuu waan hamaa irraa deebiʼuu balfu. 
 20 Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa, 
michuun gowwootaa garuu ni miidhama. 
 21 Wanni hamaan cubbamoota ariʼata; 
badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti. 
 22 Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa; 
qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama. 
 23 Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa; 
murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa. 
 24 Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba; 
kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba. 
 25 Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata; 
garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa.