19
 1 Gowwaa daba dubbatuu mannaa 
hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya. 
 2 Namni beekumsa hin qabne gaarii miti; 
miilli jarjarus karaa irraa jalʼata. 
 3 Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa; 
garaan isaa immoo Waaqayyotti aara. 
 4 Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa; 
hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa. 
 5 Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; 
namni soba odeessuus jalaa hin baʼu. 
 6 Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada; 
namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti. 
 7 Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu; 
yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree! 
Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu 
isaan eessattuu hin argaman. 
 8 Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata; 
namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa. 
 9 Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu; 
namni soba odeessus ni bada. 
 10 Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu; 
yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf 
hammam caalaa haa hammaatu ree?
hammam caalaa haa hammaatu ree?
 11 Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf; 
balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina. 
 12 Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti, 
surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti. 
 13 Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa; 
niitiin nyakkiftunis 
akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti. 
 14 Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu; 
niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna. 
 15 Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa; 
namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa. 
 16 Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata; 
kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa. 
 17 Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa; 
Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa. 
 18 Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu; 
akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin. 
 19 Namni dafee aaru adabamuu qaba; 
ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda. 
 20 Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu; 
dhuma irratti ati nama ogeessa taata. 
 21 Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira; 
garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti. 
 22 Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha; 
sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya. 
 23  Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa; 
yoos namni boqonnaadhaan jiraata; 
rakkinnis isa hin argatu.
rakkinnis isa hin argatu.
 24 Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; 
gara afaan isaattis hin deebifatu! 
 25 Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa; 
nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii. 
 26 Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu, 
ilma qaanii fi salphina fiduu dha. 
 27 Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi; 
ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa. 
 28 Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata; 
afaan hamootaa immoo hammina liqimsa. 
 29 Qoostotaaf adabbii, 
dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama.