22
 1 Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha; 
kabajamuunis meetii fi warqee caala. 
 2 Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha: 
Uumaan hunda isaanii Waaqayyoo dha. 
 3 Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; 
wallaalaan immoo ittuma deemee adabama. 
 4 Gad of qabiisnii fi Waaqayyoon sodaachuun, 
qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu. 
 5 Karaa hamootaa irra qoraattii fi kiyyootu jira; 
namni lubbuu isaa eeggatu garuu 
waan kana irraa fagaatee jiraata.
waan kana irraa fagaatee jiraata.
 6 Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; 
inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu. 
 7 Sooressi hiyyeessa bulcha; 
liqeeffataan garbicha liqeessituu ti. 
 8 Namni hammina facaasu rakkina haammata; 
uleen aarii isaas ni hurraaʼaa. 
 9 Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf 
ofii isaatii ni eebbifama. 
 10 Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa; 
wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu. 
 11 Nama qulqullina garaa jaallatuu fi 
dubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa. 
 12 Iji Waaqayyoo xiyyeeffatee beekumsa ilaala; 
inni garuu dubbii nama hin amanamnee ni busheessa. 
 13 Dhibaaʼaan, “Leenci ala jira! 
Ani karaa gubbaatti nan ajjeefama!” jedha. 
 14 Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha; 
namni dheekkamsa Waaqayyoo jala jiru achi keessa buʼa. 
 15 Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera; 
uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa. 
 16 Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee 
hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega. 
Jechoota Soddomman Nama Ogeessaa 
Jecha tokkoffaa 
 17 Qalbeeffadhuutii waan namni ogeessi jedhu dhaggeeffadhu; 
yaada kees gara waan ani barsiisuutti deebifadhu; 
 18 yoo ati qalbiitti qabattee 
hunduma isaa hidhii kee irratti qopheeffatte
hunduma isaa hidhii kee irratti qopheeffatte
wanni kun nama gammachiisaatii. 
 19 Akka abdiin kee Waaqayyo taʼuuf 
ani harʼa suma mataa kee iyyuu nan barsiisa. 
 20 Ani jecha soddoma, jecha gorsaatii fi 
beekumsaa siif hin barreessinee? 
 21 Kanas ani akka ati warra si erganiif 
deebii dhugaa kennituuf waan qajeelaa fi 
dhugaa si argisiisuufin barreesse mitii? 
Jecha lammaffaa 
 22 Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin; 
rakkataas mana murtiitti hin cunqursin; 
 23  Waaqayyo dubbii isaanii ni ilaalaaf; 
jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii. 
Jecha sadaffaa 
 24 Nama dafee aaru michuu hin godhatin; 
nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis 
tokkummaa hin qabaatin;
tokkummaa hin qabaatin;
 25 yoo kana goote karaa isaa baratta; 
ofii kees kiyyootti galchita. 
Jecha afraffaa 
 26 Nama harka dhaʼee waadaa galu 
yookaan nama liqii namaatiif wabii taʼu hin taʼin; 
 27 yoo ati waan baaftu dhabde, 
sireen kee iyyuu si jalaa fudhatama. 
Jecha shanaffaa 
 28 Dhagaa daarii durii, 
kan abbootiin kee dhaaban hin dhiibin. 
Jecha jaʼaffaa 
 29 Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee? 
Inni fuula moototaa dura dhaabata; 
fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu.