Mooticha Waaqni Dibee Moosise 
 Faarfannaa 2
 1 Namoonni maaliif akkanumaan malatu? 
Saboonnis maaliif waan akkanumaan mariʼatu? 
 2 Mootonni lafaa kaʼanii, 
bulchitoonnis Waaqayyoo fi Masiihii isaatiin mormuuf 
walitti qabaman; 
 3 isaanis, “Kottaa foncaa isaanii of irraa kukkunnaa; 
hidhaa isaaniis of irraa hiiknee gannaa” jedhu. 
 4 Inni samii keessa, teessoo irra taaʼee jiru ni kolfa; 
Gooftaanis isaanitti qoosa. 
 5 Innis aarii isaatiin isaan ifata; 
dheekkamsa isaatiinis isaan naasisa; 
 6 innis, “Ani tulluu koo qulqulluu irra, Xiyoon irra, 
mootii koo teessifadheera” jedha. 
 7 Ani seera Waaqayyoo nan labsa: 
innis akkana anaan jedhe; “Ati ilma koo ti; 
ani harʼa si dhalcheera. 
 8 Na kadhadhu; 
ani saboota dhaala kee, 
handaara lafaas qabeenya kee godhee siifan kenna. 
 9 Ati ulee sibiilaatiin isaan cabsita; 
akka qodaa supheettis isaan hurreessita.” 
 10 Kanaafuu yaa mootota, qalbeeffadhaa; 
bulchitoonni lafaas of eeggadhaa. 
 11 Sodaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa; 
hollachaas gammadaa. 
 12 Akka inni hin aarreef, 
isinis akka karaa irratti hin badneef ilma isaa dhungadhaa; 
dheekkamsi isaa dafee bobaʼaatii. 
Warri isatti kooluu galan hundi eebbifamoo dha.