Faarfannaa Nama Boojiʼamee 
 Faarfannaa 61
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan miʼa ribuutiin faarfatame. 
 1 Yaa Waaqi, iyyata koo dhagaʼi; 
kadhannaa koos dhaggeeffadhu. 
 2 Yeroo garaan koo citetti, 
ani handaara lafaatii sin waammadha; 
ati gara kattaa na caalaa ol dheeratuutti na geessi. 
 3 Ati iddoo ani itti kooluu galuudhaatii; 
fuula diina koo durattis gamoo jabaa dha. 
 4 Ani bara baraan dunkaana kee keessa jiraachuu, 
gaaddisa qoochoo keetii jalattis kooluu galuu nan hawwa. 
 5 Yaa Waaqi, ati wareega koo dhageesseertaatii; 
dhaala warri maqaa kee sodaatan argatanis naa kenniteerta. 
 6 Bara jireenya mootii, umurii isaa illee 
dhalootaa gara dhalootaatti dheeressi. 
 7 Innis fuula Waaqaa duratti bara baraan haa moʼu; 
akka jaalalli keetii fi amanamummaan kee isa eeganis godhi. 
 8 Anis faarfannaa galataa maqaa keetiif nan faarfadha; 
guyyuma guyyaanis wareega koo nan guuttadha.