Waaqa Amanachuu 
 Faarfannaa 131
Faarfannaa ol baʼuu. Faarfannaa Daawit. 
 1 Yaa Waaqayyo, garaan koo of hin jaju; 
iji koos of hin tuulu; 
ani waan guddaa fi waan humna kootii ol taʼe keessa hin seenu. 
 2 Ani garuu lubbuu koo afaan qabachiiseera; calʼisiiseeras; 
akkuma daaʼimni harma haadha isaa guusan tokko haadhatti irkatee boqotu sana, 
akkuma daaʼima harma haadha isaa guusanii lubbuun koo na keessatti calʼiste. 
 3 Yaa Israaʼel, ammaa fi bara baraaf, 
Waaqayyoon abdadhu.