2
Ishee 
 1 Ani daraaraa Shaaroon; 
daraaraa sulula keessaa ti. 
Isa 
 2 Jaalalleen koo dubarran kaan gidduu ti 
akkuma daraaraa qoraattii keessaa ti. 
Isa 
 3 Michuun koo dargaggoota gidduutti 
akkuma muka hudhaa kan mukkeen bosonaa keessa jiruu ti. 
Ani gaaddisa isaa jala taaʼuu nan jaalladha; 
iji isaas natti miʼaawa. 
 4 Inni galma cidhaatti na geesse; 
akeekni inni naaf qabu jaalala. 
 5 Sababii ani jaalalaan gaggabeef 
isin bixxillee wayiniitiin na jajjabeessaa; 
muka hudhaatiinis na haaromsaa. 
 6 Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; 
harki isaa mirgaa immoo na hammata. 
 7 Yaa intallan Yerusaalem, 
ani kuruphee fi borofaan isin kakachiisa; 
hamma isheen ofumaan feetee kaatutti 
jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa. 
 8 Sagaleen michuu kootii, tulluuwwan irra utaalee 
gaarran irras qaariʼee dhufaa jira. 
 9 Michuun koo akkuma kuruphee yookaan korma gadamsaa ti. 
Kunoo inni dallaa keenya duuba dhaabatee 
foddaa keessaan ilaalaa 
qaawwa keessaanis mimilʼachaa jira. 
 10 Michuun koo dubbatee akkana naan jedhe; 
“Yaa miidhagduu koo kaʼi! 
Bareedduu koo kottuu na wajjin deemi. 
 11 Kunoo! Ganni darbeera; 
bokkaanis caamee sokkeera. 
 12 Daraaraan lafa irratti mulʼateera; 
waqtiin sirbaa gaʼeera; 
wacni gugees 
biyya keenya keessatti dhagaʼamaa jira. 
 13 Mukni harbuu ija jalqabaa baasuu jalqabeera; 
wayiniin daraares urgaa kenneera. 
Yaa miidhagduu ko, kaʼii kottu; 
yaa bareedduu koo na wajjin deemi.” 
Isa 
 14 Gugee koo kan holqa dhagaa keessaa, 
kan iddoo dhoksaa tulluu cinaa keessaa, 
mee fuula kee na argisiisi; 
mee sagalee kee na dhageessisi; 
sagaleen kee miʼaawaadhaatii; 
fuulli kees namatti tola. 
 15 Mee waangoo, 
waangoodhuma xixinnoo ishee 
kanneen iddoo dhaabaa wayinii balleessitu nuuf qabaa; 
iddoon dhaabaa wayinii keenyaa daraaraa jiraatii. 
Ishee 
 16 Michuun koo kanuma koo ti; anis kan isaa ti; 
inni daraaraa keessa dheechifata. 
 17 Yaa michuu ko, 
hamma bariʼee gaaddisni baddutti deebiʼi; 
akkuma kuruphee yookaan akkuma korma gadamsaa 
kan tulluuwwan irra jiruus taʼi.