12
Faarfannaa Galataa 
 1 Ati gaafas akkana jetta: 
“Yaa Waaqayyo, ati natti aartee turte; 
aariin kees narraa deebiʼeera; 
na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha. 
 2 Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti; 
ani isa nan abdadha; hin sodaadhus. 
Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa, 
jabinaa fi faarfannaa koo ti; 
inni fayyina koo taʼeera.”
inni fayyina koo taʼeera.”
 3 Isin burqaa fayyinaa keessaa 
gammachuudhaan bishaan waraabbattu. 
 4 Isin bara sana keessa akkana jettu: 
“Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa; 
waan inni hojjete sabootatti beeksisaa; 
akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa. 
 5 Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Waaqayyoon faarfadhaa; 
wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu. 
 6 Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel 
isin gidduutti guddaadhaatii
isin gidduutti guddaadhaatii
sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.”