58
Sooma Waaqni itti Gammadu 
 1 “Guddisii iyyi; hin qusatin. 
Akkuma malakataa sagalee kee ol fudhadhu. 
Saba kootti fincila isaanii, 
mana Yaaqoobitti immoo cubbuu isaanii labsi. 
 2 Isaan guyyuma guyyaan na barbaaduutii; 
isaan akkuma saba waan qajeelaa hojjetee 
ajajawwan Waaqa isaa hin dhiisin tokkootti 
waan karaa koo beekuu barbaadan fakkaatu. 
Isaan murtii qajeelaa na kadhatu; 
akka Waaqni isaanitti dhiʼaatus waan hawwan fakkaatu. 
 3 Isaanis, ‘Yoo ati waan kana hin argine, 
nu maaliif soomne? 
Yoo ati waan kana hin qalbeeffanne 
nu maaliif gad of qabne?’ jedhu. 
“Taʼus isin guyyaa sooma keessanii waan feetan gootan; 
hojjettoota keessan hundas ni hacuuccan. 
 4 Soomni keessan wal loluu fi wal qoccoluudhaan, 
aboottee hamminaatiin wal tumuudhaan raawwata. 
Soomni isin harʼa soomaa jirtan kun, 
akka sagaleen keessan gubbaatti dhagaʼamu hin godhu. 
 5 Soomni ani filadhe sooma akkanaatii? 
Namni tokko guyyuma tokko qofaaf gad of qabaa? 
Wanni kun akkuma dhallaadduu mataa gad qabachuu fi 
wayyaa gaddaatii fi daaraa irra ciisuu qofaafii? 
Wanni isin sooma jettaniin 
guyyaan fuula Waaqayyoo duratti fudhatama qabu kanaa? 
 6 “Soomni ani itti gammadu, 
kan foncaa jalʼinaa furu, 
kan funyoo waanjoo hiiku, 
kan cunqurfamtoota bilisa baasuu fi 
waanjoo hunda caccabsu mitii? 
 7 Akka ati warra beelaʼaniif nyaata kee qoodduu fi 
akka hiyyeeyyii mana hin qabne mana keetti simattu, 
akka ati yeroo nama daare argitutti 
daara isa baaftuu fi
daara isa baaftuu fi
akka nama foonii fi dhiiga kee taʼetti 
dugda hin galle mitii?
dugda hin galle mitii?
 8 Yoos ifni kee akka biiftuu ganamaa ni baʼa; 
fayyinni kees dafee ni dhufa; 
qajeelummaan kee fuula kee dura deema; 
ulfinni Waaqayyoo immoo duubaan si eega. 
 9 Yeroo sana ati ni waammatta; Waaqayyos deebii siif kenna; 
ati gargaarsa barbaacha iyyatta; innis, ‘Ani asan jira’ siin jedha. 
“Ati yoo waanjoo cunqursaa, haasaʼa hamminaatii fi 
quba namatti qabuu of irraa fageessite, 
 10 ati yoo warra beelaʼaniif nyaata kennite, 
warra rakkatanis rakkinaa baafte, 
ifni kee dukkana keessa ni ibsa; 
halkan kees akka guyyaa saafaa taʼa. 
 11  Waaqayyo yeroo hunda si geggeessa; 
inni lafa aduudhaan gubate keessatti iyyuu 
fedhii kee siif guuta;
fedhii kee siif guuta;
lafee kees ni jabeessa. 
Ati akka lafa biqiltuu bishaan quufee, 
akka burqaa hin gognees ni taata. 
 12 Uummanni kee diigamaa durii deebisee ni ijaara; 
atis hundee dhaloota baayʼee ol kaasta; 
atis, Suphaa Dallaawwan Jijjiganii, 
Haaromsaa Daandiiwwan Jireenyaa jedhamtee waamamta. 
 13 “Ati yoo miilla kee Sanbata cabsuu irraa eeggattee 
guyyaa koo qulqulluu waan jaallattu gochuu dhiifte, 
ati yoo Sanbataan, ‘Gammachuu’ 
guyyaa qulqullaaʼaa Waaqayyootiin immoo, ‘Kabajamaa’ jette, 
yoo daandii ofii keetii deemtuu fi yoo waan feete gochuu 
yookaan haasaa faayidaa hin qabne haasaʼuu baattee 
Sanbata ulfeessite,
Sanbata ulfeessite,
 14 yeroo sana Waaqayyotti ni gammadda; 
anis akka ati lafa ol dheeraa irra guluftu, 
dhaala abbaa kee Yaaqoob nyaattee akka quuftus sin taasisa.” 
Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.