64
 1 Akka tulluuwwan fuula kee duratti raafamaniif, 
maaloo ati utuu samiiwwan tarsaaftee gad buutee! 
 2 Akkuma ibiddi hanxaxii gubee, bishaan danfisu sana, 
akka maqaan kee diinota kee biratti beekamuuf 
gad buʼiitii akka saboonni fuula kee 
duratti hollatan godhi! 
 3 Ati yeroo waan sodaachisaa nu hin yaadin hojjettetti gad buute; 
tulluuwwanis fuula kee duratti hollatan. 
 4 Si malee Waaqa warra isa abdataniif dhaabatu, 
bara duriitii jalqabee namni tokko iyyuu hin dhageenye; 
yookaan gurri tokko iyyuu hin qalbeeffanne; 
iji tokko iyyuu hin argine. 
 5 Ati warra gammachuudhaan waan tolaa hojjetan 
kanneen karaa kee yaadatan gargaaruuf ni dhufta. 
Garuu yommuu nu ittuma fufnee 
cubbuu hojjennetti ati ni dheekkamte. 
Yoos nu akkamitti fayyuu dandeenya ree? 
 6 Hundi keenya akka nama qulqullina hin qabnee taaneerra; 
hojiin qajeelummaa keenyaa hundis akka huccuu xuraaʼummaa ti; 
hundi keenya akkuma baalaa coollagne; 
cubbuun keenyas akkuma bubbee haxaaʼee nu fudhate. 
 7 Namni maqaa kee waammatu tokko iyyuu hin jiru; 
yookaan namni si qabachuuf carraaqu hin jiru; 
ati fuula kee nu dhokfattee 
sababii cubbuu keenyaatiifis nu fixxeertaatii. 
 8 Taʼus yaa Waaqayyo, ati Abbaa keenya. 
Nu suphee dha; ati immoo dhooftuu suphee ti; 
hundi keenya hojii harka keetii ti. 
 9 Yaa Waaqayyo, ati akka malee hin dheekkamin; 
cubbuu keenyas bara baraan hin yaadatin. 
Maaloo si kadhannaa, fuula kee nuuf deebisi; 
nu hundinuu saba keetii. 
 10 Magaalaawwan kee qulqulloonni onaniiru; 
Xiyoon iyyuu onteerti; Yerusaalemis duwwaa hafteerti. 
 11 Manni qulqullummaa keenya qulqullichii fi ulfina qabeessi, 
iddoon abbootiin keenya itti si galateeffatan sun ibiddaan gubameera; 
wanni nu itti gammannu hundis barbadeeffameera. 
 12 Yaa Waaqayyo, ati wantoota kanneen hunda 
calʼuma jettee ilaaltaa?
calʼuma jettee ilaaltaa?
Ati calʼistee akka malee nu adabdaa?