26
Iyyoob 
 1 Iyyoob akkana jedhee deebise: 
 2 “Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte! 
Irree laafes hammam jajjabeessite! 
 3 Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite! 
Beekumsa guddaa akkamiis argisiifte! 
 4 Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare? 
Hafuura eenyuutu afaan kee keessaa dubbate? 
 5 “Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi 
kanneen bishaan keessa jiraatan hundii ni hollatu. 
 6 Duuti fuula Waaqaa duratti qullaa jira; 
badiisnis waan isa dhoksu hin qabu. 
 7 Waaqni iddoo duwwaa irra samii kaabaa diriirsa; 
lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa. 
 8 Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba; 
duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu. 
 9 Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan 
fuula jiʼaa ni haguuga. 
 10 Inni fuula bishaanotaa irratti, 
ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe. 
 11 Utubaawwan samii ni hollatu; 
dheekkamsa isaatiinis ni rifatu. 
 12 Inni humna isaatiin galaana ni raasa; 
ogummaa isaatiinis Raʼaabin ni ciccira. 
 13 Hafuura baafatuun samiiwwan qulqulleesse; 
harki isaas bofa shawwisaa waraane. 
 14 Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa; 
hasaasni nu waaʼee isaa dhageenyu hammam xinnaa dha! 
Yoos kakawwee humna isaa eenyutu hubachuu dandaʼa ree?”