Namoota Waaqaaf Hin Bulle 
 Faarfannaa 14
14:1‑7 kwf – Far 53:1‑6 
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. 
 1 Gowwaan garaa isaatti, 
“Waaqni hin jiru” jedha. 
Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha; 
namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru. 
 2  Waaqayyo yoo namni waa hubatu, 
kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, 
samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala. 
 3 Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; 
namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru; 
tokkumti iyyuu hin jiru. 
 4 Warri hammina hojjetan 
kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, 
warri Waaqayyoon hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii? 
 5 Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru; 
Waaqni dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii. 
 6 Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu; 
Waaqayyo garuu daʼoo isaanii ti. 
 7 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! 
Yommuu Waaqayyo saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, 
Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!