Waan Warra Waaqatti Hin Bulle Eeggatu 
 Faarfannaa 53
53:1‑6 kwf – Far 14:1‑7 
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Gosa Muuziiqaa maahilaati jedhamuun faarfatame. Maskiilii Daawiti. 
 1 Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. 
Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha; 
namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru. 
 2 Waaqni yoo namni waa hubatu, 
kan Waaqas barbaadu tokko iyyuu jiraate 
arguuf jedhee, 
samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala. 
 3 Hundinuu dogoggoraniiru; 
hundi isaaniis xuraaʼaniiru; 
namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; 
tokkumti iyyuu hin jiru. 
 4 Warri hammina hojjetan, 
kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, 
warri Waaqa hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii? 
 5 Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti, 
sodaadhaan liqimfamaniiru. 
Waaqni lafee warra si marsanii ni bittinneessa; 
sababii Waaqni isaan tuffateef, ati isaan qaanessite. 
 6 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! 
Yommuu Waaqni saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, 
Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!