Faarfannaa Boojiʼamtootaa 
 Faarfannaa 137
 1 Nu yeroo Xiyoonin yaadannetti, 
lageen Baabilon bira teenyee boonye. 
 2 Achittis kiraara keenya 
muka alaltuutti fannifne; 
 3 achitti warri nu boojiʼan faarfannaa, warri nu dhiphisanis, 
“Faarfannaawwan Xiyoon keessaa tokko nuu faarfadhaa!” 
jedhanii akka nu faarfannaa gammachuu isaaniif faarfannu nu gaafatan. 
 4 Nu utuu biyya ormaa jirruu, 
akkamitti faarfannaa Waaqayyoo faarfachuu dandeenya? 
 5 Yaa Yerusaalem, yoo ani si irraanfadhe, 
harki koo mirgaa ogummaa isaa haa irraanfatu. 
 6 Yoo ani si yaadachuu baadhe, 
yoo ani gammachuu koo guddichaa olitti 
Yerusaalemin ilaaluu baadhe, 
arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu. 
 7 Yaa Waaqayyo, waan warri Edoom 
gaafa Yerusaalem diigamte jedhan sana yaadadhu; 
isaanis, “Ishee diigaa! 
Hamma hundee isheetti ishee diigaa!” jedhanii iyyan. 
 8 Yaa intala Baabilon, kan baduudhaaf qophoofte, 
inni waan ati nu goote sanaaf, 
gatii kee siif kennu eebbifamaa dha. 
 9 Inni daaʼimman kee qabee 
dhagaa irratti caccabsu sun eebbifamaa dha.