15
Ergamoota Torba Kanneen Dhaʼichawwan Torba Harkaa Qaban 
 1 Anis mallattoo guddaa fi dinqisiisaa biraa samii keessattin arge; mallattoon kunis ergamoota torban kanneen dhaʼicha dhumaa torba qaban ture; dhaʼichi torban kunneenis sababii dheekkamsi Waaqaa isaaniin raawwatamuuf dhaʼicha dhumaa jedhaman.  2 Anis waan galaana bilillee ibiddaan makamee fakkaatu tokko nan arge; warri bineensichaa fi fakkii isaa, lakkoobsa maqaa isaas moʼatan baganaa Waaqni isaaniif kenne harkatti qabatanii galaanicha bira dhadhaabachaa turan.  3 Isaanis faarfannaa Musee garbicha Waaqaatii fi faarfannaa Hoolichaa akkana jedhanii faarfatan: 
“Yaa Waaqa Gooftaa Waan Hundumaa Dandeessu, 
hojiin kee guddaa fi dinqisiisaa dha. 
Yaa Mootii sabootaa, 
karaan kee qajeelaa fi dhugaa dha. 
 4 Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne, 
kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu? 
Si qofatu qulqulluudhaatii. 
Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef, 
saboonni hundinuu ni dhufu; 
fuula kee durattis ni sagadu.” 
 5 Ergasiis nan ilaale; manni qulqullummaa inni samii jechuunis dunkaanni dhuga baʼuu ni baname.  6 Mana qulqullummaa sana keessaas ergamoonni torban dhaʼicha torba qaban ni baʼan. Isaanis uffata qulqulluu fi calaqqisaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii naannoo qoma isaaniittis sabbata warqee hidhatanii turan.  7 Uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran keessaas inni tokko waciitiiwwan warqee torba kanneen dheekkamsa Waaqa isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatuutiin guutaman ergamoota torbaniif kenne.  8 Manni qulqullummaa sunis aara ulfinaa fi humna Waaqaa keessaa baʼuun guutame; hamma dhaʼichi torban ergamoota torbanii raawwatamuttis eenyu iyyuu mana qulqullummaa sana seenuu hin dandeenye.