7
 1 Yaa intala ilma mootii, 
miilli kee kophee keessatti akkam bareeda! 
Gudeedni kee miidhagaan sun dooqa gatii guddaa 
kan ogeessi hojii harkaa tolche fakkaata. 
 2 Handhuurri kee xoofoo geengoo 
kan takkumaa daadhiin wayinii wal makaan keessaa 
hin dhabamin fakkaata.
hin dhabamin fakkaata.
Mudhiin kee immoo tuullaa qamadii 
kan daraaraadhaan marfame fakkaata. 
 3 Guntunni kee lamaan akkuma ilmoolee kuruphee 
kanneen lakkuu dhalatanii ti. 
 4 Mormi kee gamoo ilka arbaa fakkaata. 
Iji kee haroo Heshboon 
kan karra Baatrabii biraa fakkaata. 
Funyaan kee gamoo Libaanoon 
kan gara Damaasqoo gad ilaalu fakkaata. 
 5 Mataan kee akkuma Tulluu Qarmeloos gonfoo siif taʼa. 
Rifeensi mataa keetii afaa mana mootii fakkaata; 
mootiin dheerina isaatiin qabamee boojiʼama. 
 6 Yaa jaalallee ati gammachuu kee wajjin 
akkam bareedda; akkamis namatti tolta! 
 7 Dhaabni kee dhaaba meexxii fakkaata; 
guntunni kees hurbuu ijaa fakkaata. 
 8 Anis, “Muka meexxii kana nan yaabbadha; 
ija isaa nan qabadha” nan jedhe. 
Guntunni kee akkuma hurbuu wayinii, 
urgaan hafuura keetii akkuma urgaa hudhaa ti; 
 9 afaan kees akkuma daadhii wayinii kan akka malee gaarii taʼee ti. 
Ishee 
Daadhiin wayinii suutumaan hidhii fi 
ilkaan irra gad yaaʼee gara michuu koo haa dhaqu. 
 10 Ani kan michuu koo ti; 
hawwiin isaas anumaaf. 
 11 Yaa michuu ko, kottu mee gara baadiyyaa haa deemnu; 
gandoota achii keessa haa bullu. 
 12 Akka mukni wayinii hudhaa baafate, 
akka daraaraan ija banatee fi 
akka roomaaniin daraare ilaaluuf ganama bariin kaanee 
gara iddoo dhaabaa wayinii haa deemnu; 
anis achitti jaalala koo siif nan kenna. 
 13 Hudhaan urgaa isaa gad dhiisa; 
yaa michuu ko, wanni ani siif kuuse, 
haaraa fi moofaanis wanni filatamaan hundi 
balbala keenya dura jira.