Iyyata Nama Waaqa Amanatee 
 Faarfannaa 13
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. 
 1 Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti? 
Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa? 
Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita? 
 2 Ani hamma yoomiittin rakkina obsee 
guyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda? 
Hamma yoomiitti diinni koo narra aana? 
 3 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na ilaali; deebii illee naa kenni. 
Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni; 
 4 diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha; 
amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu. 
 5 Ani garuu araara kee nan amanadha; 
garaan koos fayyisuu keetti ni gammada. 
 6 Ani Waaqayyoof nan faarfadha; 
arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.