Kadhannaa Gargaarsa Barbaachaaf Kadhatame 
 Faarfannaa 12
Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu. 
 1 Yaa Waaqayyo, namni Waaqa sodaatu hin jiruutii ati na gargaar; 
ilmaan namaa keessaas namni amanamu dhabameeraatii. 
 2 Namni hundinuu ollaa isaatti soba dubbata; 
isaan nama saadanii garaa lamaan dubbatu. 
 3  Waaqayyo afaan nama saadu hunda, 
arraba of tuulu hundas haa kukkutu; 
 4 isaanis, “Nu arraba keenyaan ni moona; 
hidhiin keenyas keenyuma; 
eenyutu nurratti gooftummaa qaba?” jedhu. 
 5  Waaqayyo, “Ani sababii hacuucamuu hiyyeeyyiitiif, 
sababii aaduu rakkattootaatiifis amma nan kaʼa. 
Nagaa isaan hawwan keessas isaan nan jiraachisa” jedha. 
 6 Dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; 
innis akka meetii boolla ibiddaa keessatti baqfamee 
yeroo torba qulqulleeffamee ti. 
 7 Yaa Waaqayyo ati nu eegda; 
dhaloota akkanaa irraas bara baraan nu oolchita. 
 8 Yeroo wanni faayidaa hin qabne ilmaan namaa gidduutti kabajamutti 
hamoonni of dhiibuudhaan kallattii hundaan asii fi achi naannaʼu.