Faarfannaa Ayyaana Daasii 
 Faarfannaa 118
 1  Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; 
jaalalli isaa bara baraan jiraata. 
 2 Sabni Israaʼel, “Jaalalli isaa 
bara baraan jiraata” haa jedhu. 
 3 Manni Aroonis, 
“Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhu. 
 4 Warri Waaqayyoon sodaatan, 
“Jaalalli isaa bara baraan jiraata” haa jedhan. 
 5 Dhiphina koo keessatti ani Waaqayyotti nan iyyadhe; 
innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise. 
 6  Waaqayyo na wajjin jira; ani hin sodaadhu; 
namni maal na gochuu dandaʼa? 
 7  Waaqayyo na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti. 
Anis diinota koo nan moʼadha. 
 8 Nama amanachuu irra, 
Waaqayyotti kooluu galuu wayya. 
 9 Qondaaltota amanachuu irra, 
Waaqayyotti kooluu galuu wayya. 
 10 Saboonni hundinuu na marsan; 
ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse. 
 11 Isaan karaa hundaan na marsan; 
ani garuu maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse. 
 12 Akkuma tuuta kanniisaa na marsan; 
garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan; 
anis maqaa Waaqayyootiin isaan nan barbadeesse. 
 13 Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture; 
Waaqayyo garuu na gargaare. 
 14  Waaqayyo jabina kootii fi faarfannaa koo ti; 
inni fayyina koo taʼeera. 
 15 Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota 
qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama; 
“Harki Waaqayyoo kan mirgaa waan jabaa hojjeteera! 
 16 Harki Waaqayyo mirgaa ol qabameera; 
harki Waaqayyoo mirgaa waan jabaa hojjeteera!” 
 17 Ani nan jiraadha malee hin duʼu; 
waan Waaqayyo hojjetes nan labsa. 
 18  Waaqayyo jabeessee na adabeera; 
garuu dabarsee duʼatti na hin kennine. 
 19 Karra qajeelummaa naa banaa; 
anis ol galee Waaqayyoof galata nan galcha. 
 20 Kun karra Waaqayyoo, 
kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha. 
 21 Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha; 
ati fayyina naa taateerta. 
 22 Dhagaan ijaartonni tuffatan, 
dhagaa golee taʼeera; 
 23  Waaqayyo waan kana hojjeteera; 
kunis ija keenyatti dinqii dha. 
 24 Guyyaan kun guyyaa Waaqayyo uumee dha; 
kottaa ni ililchina; itti gammannas. 
 25 Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu oolchi; 
Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu milkoomsi. 
 26 Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu eebbifamaa dha. 
Nu mana Waaqayyoo keessaa isin eebbifna. 
 27  Waaqayyo Waaqa; 
ifa isaas nuu irratti ibseera. 
Dameewwan harkatti qabadhaatii 
warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa;
warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa;
gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa. 
 28 Ati Waaqa koo ti; ani sin galateeffadha; 
ati Waaqa koo ti; anis sin leellisa. 
 29  Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii; 
jaalalli isaa bara baraan jiraata.