Kadhannaa Nama Dhukkubsatee 
 Faarfannaa 41
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. 
 1 Namni hiyyeessaaf yaadu eebbifamaa dha; 
guyyaa rakkinaatti Waaqayyo isa ni oolcha. 
 2  Waaqayyo isa ni eega; bara jireenya isaas ni dheeressa; 
lafa irratti isa eebbisa; 
hawwii diinota isaattis dabarsee isa hin kennu. 
 3  Waaqayyo siree inni dhukkubsatee irra ciisu irratti isa kunuunsa; 
fayyisees siree dhukkubaa irraa isa ni kaasa. 
 4 Anis, “Yaa Waaqayyo na maari; 
ani cubbuu sitti hojjedheeraatii na fayyisi” nan jedhe. 
 5 Diinonni koo hamminaan, “Inni yoom duʼee maqaan isaa 
lafa irraa bada?” jedhanii waaʼee koo dubbatu. 
 6 Namni tokko yeroo na gaafachuu dhufutti, 
utuma garaa isaatti hammina kuufatee qabuu, sobee dubbata; 
gad baʼees iddoo hundumatti odeessa. 
 7 Warri na jibban hundinuu waaʼee koo walitti hasaasu; 
waan akka malee hamaa taʼes natti mariʼatu. 
 8 Isaanis, “Dhukkubni hamaan isa qabateera; 
inni siʼachi iddoo ciisu sanaa hin kaʼu” jedhu. 
 9 Michuun koo inni natti dhiʼaatu, 
inni ani amanadhe, 
inni buddeena koo nyaate 
koomee isaa natti ol fudhate. 
 10 Ati garuu yaa Waaqayyo na baasi; 
akka ani haaloo baafadhuufis ol na kaasi. 
 11 Akka ati natti gammaddu ani beeka; 
diinni koo narra hin aanuutii. 
 12 Ati sababii amanamummaa kootiitiif utubdee na qabda; 
baruma baraanis fuula kee dura na dhaabda. 
 13  Waaqayyo Waaqni Israaʼel, 
bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu. 
Ameen; Ameen.