Gorsa Galata Galchuu 
 Faarfannaa 100
Faarfannaa Galataa. 
 1 Lafti hundinuu Waaqayyoof ililchaa. 
 2 Gammachuudhaan Waaqayyoon waaqeffadhaa; 
faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa. 
 3 Akka Waaqayyo Waaqa taʼe beekaa; 
isattu nu uume; nu kan isaa ti; 
nu saba isaa ti; hoolota tika isaa jala jirruu dha. 
 4 Galateeffachuudhaan karrawwan isaa, 
jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa; 
isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa. 
 5  Waaqayyo gaariidhaatii; araarri isaa kan bara baraa ti; 
amanamummaan isaas dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.