Waaqayyotti Abbaa Murtii Qajeelaatti Iyyachuu 
 Faarfannaa 54
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, “Daawit nu gidduu dhokatee jira” jedhanitti faarfatame. 
 1 Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi; 
humna keetiinis naa murteessi. 
 2 Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi, 
dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu. 
 3 Keessumoonni natti kaʼaniiruutii; 
warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu; 
Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha. 
 4 Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti; 
Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti. 
 5 Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu; 
atis amanamummaa keetiin isaan balleessi. 
 6 Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa; 
yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha; 
inni gaariidhaatii. 
 7 Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii; 
iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.