Eebba Qajeeltonni Argatan 
 Faarfannaa 128
Faarfannaa Ol Baʼuu. 
 1 Warri Waaqayyoon sodaatan, 
kanneen karaa isaa irra deeman eebbifamoo dha. 
 2 Ati buʼaa dadhabbii keetii ni nyaatta; 
ni eebbifamta; jireenyis sitti tola. 
 3 Niitiin kee mana kee keessatti, 
akka muka wayinii kan ija naqatee ni taati; 
ijoolleen kees naannoo maaddii keetiitti, 
akka lataa muka ejersaa ni taʼu. 
 4 Namni Waaqayyoon sodaatu 
akkasitti eebbifama. 
 5 Bara jireenya keetii guutuu, 
Waaqayyo Xiyoon irraa si haa eebbisu; 
atis badhaadhummaa Yerusaalem argi. 
 6 ijoollee ijoollee keetii ni argi; 
nagaan Israaʼeliif haa taʼu.