Galata Waaqayyoof Dhiʼeeffame 
 Faarfannaa 113
 1 Haalleluuyaa. 
Yaa tajaajiltoota Waaqayyoo, galata galchaa; 
maqaa Waaqayyoo jajadhaa. 
 2 Ammaa hamma bara baraatti 
maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu. 
 3 Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti, 
maqaan Waaqayyoo haa jajamu. 
 4  Waaqayyo saba hundaa ol jira; 
ulfinni isaas samiiwwanii ol. 
 5 Kan akka Waaqayyo Waaqa keenya 
isa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu? 
 6 Kan gad jedhee 
samii fi lafa ilaalu eenyu? 
 7 Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa; 
rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha; 
 8 inni bulchitoota gidduu, 
bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa. 
 9 Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti, 
dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa. 
Haalleluuyaa.