Faarfannaa Halkanii 
 Faarfannaa 134
Faarfannaa ol baʼuu. 
 1 Isin tajaajiltoonni Waaqayyoo, 
warri halkan mana Waaqayyoo keessa tajaajiltan hundinuu, 
Waaqayyoon galateeffadhaa. 
 2 Mana qulqullummaa keessatti harka keessan ol qabaatii 
Waaqayyoon galateeffadhaa. 
 3  Waaqayyo samii fi lafa uume sun 
Xiyoon irraa isin haa eebbisu.