Eegduu Israaʼel 
 Faarfannaa 121
Faarfannaa Ol baʼuu. 
 1 Ani ija koo gara tulluuwwaniitti ol nan qabadha; 
gargaarsi koo eessaa dhufa? 
 2 Gargaarsi koo Waaqayyo 
samii fi lafa uume biraa dhufa. 
 3 Inni akka miilli kee mucucaatu hin godhu; 
kan si eegu hin mugu; 
 4 dhugumaan inni Israaʼelin eegu 
hin mugu; hin rafus. 
 5  Waaqayyo si eega; 
Waaqayyo karaa mirga keetiitiin gaaddisa siif taʼa; 
 6 guyyaa aduun si hin gubu; 
halkanis jiʼi si hin miidhu. 
 7  Waaqayyo miidhaa hunda irraa si eega; 
inni lubbuu kee ni eega; 
 8  Waaqayyo ammaa jalqabee 
hamma bara baraatti, baʼuu fi galuu kee ni eega.