Kadhannaa nama qajeelaa 
 Faarfannaa 26
Faarfannaa Daawit. 
 1 Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼina 
hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi; 
anis utuu asii fi achi hin raafamin, 
Waaqayyoon amanadheera. 
 2 Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali; 
garaa koo fi qalbii koo qori; 
 3 jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii; 
anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa. 
 4 Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu, 
yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu; 
 5 ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba; 
hamoota wajjinis hin taaʼu. 
 6 Yaa Waaqayyo, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha; 
iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa. 
 7 Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha; 
dinqii hojii keetii hunda nan odeessa. 
 8 Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, 
iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha. 
 9 Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos 
warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin; 
 10 warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru 
kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin. 
 11 Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha; 
ati na furi; araaras naa buusi. 
 12 Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata; 
waldaa guddaa keessattis Waaqayyoon nan jajadha.