Ija Jabina Nama Waaqayyoo 
 Faarfannaa 27
Faarfannaa Daawit. 
 1  Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti; 
ani eenyunan sodaadha? 
Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti; 
eenyutu na sodaachisa? 
 2 Namoonni hamoon yommuu 
foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan, 
diinonni koo fi amajaajonni koo 
yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu. 
 3 Yoo duulli na marse illee, 
garaan koo hin sodaatu; 
yoo waraanni natti baname illee 
ani hin raafamu. 
 4 Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha; 
waan kanas nan barbaada: 
Kunis bara jireenya kootii guutuu 
mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, 
miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa 
keessatti isa kadhachuu dha. 
 5 Inni guyyaa rakkinaa 
iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii; 
daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa; 
kattaa gubbaattis ol na baasa. 
 6 Yommus diinota na marsanii olitti 
mataan koo ol jedha; 
dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa; 
Waaqayyoof nan faarfadha; nan weeddisas. 
 7 Yaa Waaqayyo, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi; 
naaf araarami; deebiis naaf kenni. 
 8 Yommuu ati, “Fuula koo barbaadaa!” jettetti, 
garaan koo, “Yaa Waaqayyo, ani fuula kee nan barbaada” siin jedha. 
 9 Fuula kee na duraa hin dhoksin; 
aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin; 
ati gargaaraa koo taateerta. 
Yaa Waaqayyo, Fayyisaa ko, 
na hin gatin; na hin dhiisinis. 
 10 Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee, 
Waaqayyo na simata. 
 11 Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; 
sababii ani diinota baayʼee qabuuf 
daandii qajeelaa irra na buusi. 
 12 Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin; 
dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii; 
isaanis hafuura jalʼinaa baafatu. 
 13 Anis biyya jiraattotaa keessatti 
gaarummaa Waaqayyoo akkan argu 
amma iyyuu nan amana. 
 14  Waaqayyoon eeggadhu; 
cimi; jabaadhus; 
Waaqayyoon eeggadhu.