Akka Qananii Jaldhootaatiin Hin fudhatamne Waaqa Kadhachuu 
 Faarfannaa 141
Faarfannaa Daawit. 
 1 Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi. 
Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi. 
 2 Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu; 
harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu. 
 3 Yaa Waaqayyo, afaan kootiif eegduu naa dhaabi; 
balbala afaan kootiis naa eegi. 
 4 Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin, 
hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf, 
gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin; 
akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin. 
 5 Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii; 
inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti. 
Mataan koo waan kana hin didu. 
Taʼus kadhannaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha. 
 6 Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu; 
isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii. 
 7 Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana, 
lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira” jedhu. 
 8 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu; 
ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin. 
 9 Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa, 
kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi. 
 10 Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman; 
ani garuu nagumaan nan baʼa.