Farra Nagaa 
 Faarfannaa 120
Faarfannaa Ol baʼuu. 
 1 Ani rakkina koo keessatti Waaqayyotti nan iyyadha; 
innis deebii naa kenna. 
 2 Yaa Waaqayyo, afaan sobuu fi 
arraba nama gowwoomsu jalaa na baasi. 
 3 Yaa arraba gowwoomsituu nana, maaltu siif kennama? 
Kana caalaas maal godhamta? 
 4 Inni xiyya loltootaa kan qarameen, 
barbadaa ibiddaa qacamaatiin si adaba. 
 5 Ani waanan Meshek keessa taaʼee 
dunkaanota Qeedaar gidduu jiraadhuuf, anaaf wayyoo! 
 6 Warra nagaa jibban gidduu, 
ani yeroo dheeraa jiraadheera. 
 7 Ani nama nagaa barbaadu dha; 
isaan garuu yeroo ani dubbadhu lolaaf kakaʼan.