Faarfannaa Warra Boojuudhaa Deebiʼanii 
 Faarfannaa 126
Faarfannaa ol baʼuu. 
 1 Yeroo Waaqayyo warra boojiʼamanii turan gara Xiyoonitti deebisetti, 
nu akka warra abjuu abjootanii taane. 
 2 Afaan keenya kolfaan, arrabni keenya immoo 
faarfannaa gammachuutiin guutame. 
Kana irratti saboota gidduutti, 
“Waaqayyo waan guddaa isaaniif godheera” jedhame. 
 3  Waaqayyo waan guddaa nuuf godhe; 
nus ni gammanne. 
 4 Yaa Waaqayyo, akkuma lagoota Negeeb, 
boojuu keenya nuu deebisi. 
 5 Warri imimmaaniin facaasan, 
faarfannaa gammachuutiin ni haammatu. 
 6 Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu, 
bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.